Kello Media@KelloMedia·12 NisLegacy of Hope: A Fundraising Tribute for Urge Dinegde x.com/i/broadcasts/1…Çevir English025686
Kello Media@KelloMedia·20 MarPaarlaamaan Itoophiyaa har'a wal ga'ii gaggeesseen gaaffiiwwan hedduu MM Itoophiyaa Abiyyi Ahemad'f dhiyeessee jira. Akkuma beekamu paarlaamaa irratti deebiin dhugaa fi qabatamaan yeroo hedduu hin eegamu. Kan har'aas deebiiwwan MM Itoophiyaa Abiyyi Ahemad irra dhagaa'aman hedduun dhugaa qabatamaa lafarratti mul'atan akka hin taane hubatameera. Guyyaa har'aa Walgahiin Idilee 21ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa bakka Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad argamanitti gaggeeffameera. Walgahii kana irratti miseensoonni Mana Marichaa yaadaa fi gaaffii qaban ministira mummee Abiy Ahmadif dhiyeessaa jiru. Haaluma kanaan miseensonni Mana Maree Bakka bu’oota Uummataa gaafilee akka Rakkoo siyaasaa karaa nagayaan furuu, Lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’an deebisuu, muddama siyaasaa naannoo Tigraay, Rakkoolee bulchiinsa gaarii, raafama dinagdee Itoophiyaa, mariin qaamolee hidhannoon socha'an waliin taasifamuu fi nageenya buusuu, Rakkoolee dhiyeessi galteewwan damee Maanufaakcheriingii mudatan, dhimmoota boba’aa fi Daldaltoota seeraan alaa irratti wanti mootummaan hojjataa jiru maalii jechuun kaasani jiru. Dhimmoota kanneeniif MM Itoophiyaa Abiyyi Ahemad deebii laataniiru. Magaalaa Finfinneetti misooma Karoorri hojjetamaa jiruun kaafamtoota misoomaaf beenyaan hin laatamne jedhamuun komiin ka'aa tureera. Yaada kana kan kuffisu MM Itoophiyaa Abiyyi Ahemad "Magaalaa Finfinnee keessatti namni sababa misoomaan kaafamee ragaa seera qabeessa qabu lafa bakka bu'aa ykn beenyaan hin kaffalaminiif hin jiru. Beenyaan birrii biiliyoona 17 ol kaffalameera," jechuun dubbatan. Dhimmoota biraan MM Itoophiyaa Abiyyi Ahemad kaasan keessaa waa'ee waliigaltee Piritoriyaa kan ilaallatu ture. Waliigalteen Piriitooriyaa waliigaltee seena qabeessa, Itiyoophiyaa gaaga’ama hedduurraa baraareedha jedhan Dooktar Abiy Ahimad. Waggoottan lamaan darban keessa waraanni dabalataa akka hin uumamne hojiin Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigiraay hojjete kan dinqiisiifamu ta’uus kaasan. Mootummaan Federaalaa fi Bulchiinsi Yeroo Naannichaa waliigalticha karaa guutuun hojiitti hiikuuf tattaaffii taasiisaa turan, ammas itti fufuu kaasan. Ummanni Tigraay waraana hin barbaadu kan jedhan Dooktar Abiyyi, qaamoleen dhuunfaa dibbee waraanaa rukutan gochicharraa of qusachuu akka qaban hubachiisaniiru. Dhimmoota waliigalticha guutummaatti hojirra oolchuuf fayyadan biroos mareen xumuruuf Mootummaan Federaalaa yeroo kamuu xiyyeeffannoo kenneefii hojjetaa akka jiru hubachiisaniiru. Akkuma kana yeroon turtii bulchiinsa yeroo Tigraay kan obbo Geetaachoon durfamu akka dhumee jirus kaasan. "Bulchiinsi yeroo Tigraay fooyya'iinsa seeraa murtaa'e gochuun irra deebiin ni gurmaa'a. Hanga filannoo itti aanutti ni dheerata. Heera mootummaa Itiyoophiyaa fi Waliigaltee Preetooriyaa irratti hundaa'uun bulchiinsa yeroo Tigraay irra deebiin gurmeessuuf qooda fudhattoota waliin haasa'aa jirra" jechuun Ministirri Muummee Abiy Ahmad Paaarlaamaatti himaniiru. Tarii dubbiin kun atakaaroo garee Dabratsiyoon Gabramikaa'eel gidduuf obbo Geetaachoo Raddaan booda, rakkoo naannoo Tigraay keessatti dhalata jedhamee yaadame kan qabbaneessuudha jedhamee yaadama. Akka kedhamutti naannichatti obbo Geetaachoon qooda qabaataa ture hundarraa ari'amuu himamaa ture. Amma bulchiinsi Tigraay bifa haaraa ta'een of ijaaruu isaa dubbii kanarraa hubatamaÇevir हिन्दी028793
Kello Media@KelloMedia·20 MarPaarlaamaan Itoophiyaa har'a wal ga'ii gaggeesseen gaaffiiwwan hedduu MM Itoophiyaa Abiyyi Ahemad'f dhiyeessee jira. Akkuma beekamu paarlaamaa irratti deebiin dhugaa fi qabatamaan yeroo hedduu hin eegamu. Kan har'aas deebiiwwan MM Itoophiyaa Abiyyi Ahemad irra dhagaa'aman hedduun dhugaa qabatamaa lafarratti mul'atan akka hin taane hubatameera. Guyyaa har'aa Walgahiin Idilee 21ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa bakka Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad argamanitti gaggeeffameera. Walgahii kana irratti miseensoonni Mana Marichaa yaadaa fi gaaffii qaban ministira mummee Abiy Ahmadif dhiyeessaa jiru. Haaluma kanaan miseensonni Mana Maree Bakka bu’oota Uummataa gaafilee akka Rakkoo siyaasaa karaa nagayaan furuu, Lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’an deebisuu, muddama siyaasaa naannoo Tigraay, Rakkoolee bulchiinsa gaarii, raafama dinagdee Itoophiyaa, mariin qaamolee hidhannoon socha'an waliin taasifamuu fi nageenya buusuu, Rakkoolee dhiyeessi galteewwan damee Maanufaakcheriingii mudatan, dhimmoota boba’aa fi Daldaltoota seeraan alaa irratti wanti mootummaan hojjataa jiru maalii jechuun kaasani jiru. Dhimmoota kanneeniif MM Itoophiyaa Abiyyi Ahemad deebii laataniiru. Magaalaa Finfinneetti misooma Karoorri hojjetamaa jiruun kaafamtoota misoomaaf beenyaan hin laatamne jedhamuun komiin ka'aa tureera. Yaada kana kan kuffisu MM Itoophiyaa Abiyyi Ahemad "Magaalaa Finfinnee keessatti namni sababa misoomaan kaafamee ragaa seera qabeessa qabu lafa bakka bu'aa ykn beenyaan hin kaffalaminiif hin jiru. Beenyaan birrii biiliyoona 17 ol kaffalameera," jechuun dubbatan. Dhimmoota biraan MM Itoophiyaa Abiyyi Ahemad kaasan keessaa waa'ee waliigaltee Piritoriyaa kan ilaallatu ture. Waliigalteen Piriitooriyaa waliigaltee seena qabeessa, Itiyoophiyaa gaaga’ama hedduurraa baraareedha jedhan Dooktar Abiy Ahimad. Waggoottan lamaan darban keessa waraanni dabalataa akka hin uumamne hojiin Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigiraay hojjete kan dinqiisiifamu ta’uus kaasan. Mootummaan Federaalaa fi Bulchiinsi Yeroo Naannichaa waliigalticha karaa guutuun hojiitti hiikuuf tattaaffii taasiisaa turan, ammas itti fufuu kaasan. Ummanni Tigraay waraana hin barbaadu kan jedhan Dooktar Abiyyi, qaamoleen dhuunfaa dibbee waraanaa rukutan gochicharraa of qusachuu akka qaban hubachiisaniiru. Dhimmoota waliigalticha guutummaatti hojirra oolchuuf fayyadan biroos mareen xumuruuf Mootummaan Federaalaa yeroo kamuu xiyyeeffannoo kenneefii hojjetaa akka jiru hubachiisaniiru. Akkuma kana yeroon turtii bulchiinsa yeroo Tigraay kan obbo Geetaachoon durfamu akka dhumee jirus kaasan. "Bulchiinsi yeroo Tigraay fooyya'iinsa seeraa murtaa'e gochuun irra deebiin ni gurmaa'a. Hanga filannoo itti aanutti ni dheerata. Heera mootummaa Itiyoophiyaa fi Waliigaltee Preetooriyaa irratti hundaa'uun bulchiinsa yeroo Tigraay irra deebiin gurmeessuuf qooda fudhattoota waliin haasa'aa jirra" jechuun Ministirri Muummee Abiy Ahmad Paaarlaamaatti himaniiru. Tarii dubbiin kun atakaaroo garee Dabratsiyoon Gabramikaa'eel gidduuf obbo Geetaachoo Raddaan booda, rakkoo naannoo Tigraay keessatti dhalata jedhamee yaadame kan qabbaneessuudha jedhamee yaadama. Akka kedhamutti naannichatti obbo Geetaachoon qooda qabaataa ture hundarraa ari'amuu himamaa ture. Amma bulchiinsi Tigraay bifa haaraa ta'een of ijaaruu isaa dubbii kanarraa hubatamaÇevir हिन्दी12111K
Kello Media@KelloMedia·19 MarGujii Bahaatti dargaggeessi Falmataa Muddaa jedhamu bifa qoorqalbii namaa sururuun dullaan caasaan mootummaa osoo tumanii argame. Oromiyaa keessatti aangoon gita isaanii olitti kan itti kenname milishaa mootummaa fi qaamoleen nageenyaa akka itti tole dhala namaa taasisuu jabeessaniiru. Inumaa gara jabina daangaa darbeen ilma namaa dararuu hammeessuu isaaniitu himama. Akka kanaan dargaggoo Falmataa Muddaa jedhamu, jiraataa godina Gujii bahaa Aanaa Aagaa wayyuu kan ta'e badii tokko malee akka Bofaa osoo tumamuu Vidiyoon agarsiisu miidiyaa hawwaasaan qoodameera. Waraanni irra dhaabbatee osoo tumuu kan agarsiisu vidiyoon kun, dargaggeessa jilbeenfatee akka hin dhaahamne osoo gaafatuu reebamu mul'iseera. Balaa waraanaa Oromiyaa keessatti adeemaa jiruun ilmaan Oromoo maqaa deggartoota WBO jedhamuun dararaa ulfaataan irra gahuun irra deddeebiin himama. Dargaggeessi kun badii tokkoon alatti reebama jedhamuun miidiyaa hawwaasaarraan qoodamaa jiraÇevir Suomi2481K
Kello Media@KelloMedia·18 MarWaldaan Araraa hawwaasa Oromoo sababa Kirkira lafaa qe'ee ofii irraa buqqaa'aniif deggarsa taasise Waldaan Kiristaanaa Araara Waaqayyoo Addunyaa uummata Aanaa Fantaallee sababa kirkira lafaan qe'ee fi qabeenya isaa irraa buqqa'eef deggersa midhaan nyaataa taasisee jira. Waldaan Araaraa lammiilee rakkatan gargaaruu irraa duuba kan hin jenne, Deggersa midhaan nyaataa kuntaala 800 taasisuu isaa ibseera. Deggarsu kun Daakuu midhaanii, Zayita nyaataa fi meeshaalee garaagaraa qarshii miiliyoona 3 fi kuma 700 oliin bitame kan if keessatti qabu ta'uu isaas ibsameera. Waldaan Kiristaanaa kun hawwaasa Oromoo amantaan osoo hin loogin deggarsa gurguddaa yeroo adda addaa osoo taasisuu nii mul'ata. Kanaanis hawwaasa biratti jaalala horateera. Hawaasa Karrayyuu jalaa kirkira lafaa fi hongeedhaan beeyladoonnii fi qabeenyi miidhameera. Uummanni Aanaa Fantaallee ammallee deggersa bal'aa barbaada jedhameera.Çevir हिन्दी0620989
Kello Media@KelloMedia·25 ŞubQondaalli Mootummaa Itoophiyaa Dr. Laggasaa Tulluu uummata hojii hin qabne jechuun hawwaasa Wallaggaa bahaa jechaan xuqe, kunis komii kaase. Tibbana Bulchiinsa magaalaa Naqamteetti konfiraansiin Uummataa Murtoofi kallattii Yaa'ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaan darban akkaataa hojiitti hiikuun danda'amu irratti xiyyeeffate geggeeffameera. konfiraansiin hawaasaa kunis jiraattota Godinaalee wallaggaa arfaniifi magaalaa Naqamtee kan hirmaachise yoo ta'u, Murtoo fi Kallatti yaa'ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaa irratti mata duree 'Waadaa hanga aadeffannaa' jedhuun taa'amaa ture . Walga'ii kana Ministeera tajaajila koominikeeshinii mootummaa Dr Laggasaa Tulluu, argameera. Walga'ii magaalaa Naqamteetti adeemsifame irratti Dr. Laggasaa Tulluu dubbiin afaan Amaariffaan taasise balaaleffatamaa jira. Walga'ii kana irratti yaadni bal'aan kan kaafame yoo ta'u jalqaba irratti waltajjii hawwaasa Oromoo hirmaachise kanarratti afaan Amaariffaan waltajjii gaggeessuun qeeqa godhatee jira. Akkasuma dubbiin qondaala kanaas hawwaasa mufachiisee jira. uummanni Wallaggaa cawaadha" jedhe namni kun. Ergaan jecha kanaa cigoodha kan jedhan namootni, jechaan hawwaasa ciiga'e jedhan. Akkuma kana dubbii isaa keessatti "Uummanni Naqamtee akkuma uummata Finfinnee yoo hojii argatee hojjete, ilaalcha addunyaawaa godhata" jedhe. Jecha baay'ee balaaf hamaa kana qondaala mootummaattaa dhagaa'uun akka malee nama aarsa kan jedhan namootni hedduun, jecha isaa kana qeeqaniiru. Dubbiin isaa hawwaasni Wallaggaa hojii hin hojjetu jechuun tuffii uummatichaa qabi ibsate jedhamuun komatameera. Hawwaasni hojjechuus taanaan barachuus itti beeku jecha gadi bu'aa akkanaan ibsamuun irra hin turre jedhame. Inumaa tuffiin isin hojii hin beektan jedhu waltajjii akkanaarratti dhagaa'amuun gaddisiisaa ta'uu eerameera. Konfiraansii uummataa jedhamuun waltajjii mootummaan Itoophiyaa tibbana itti jiru dirqamaan walitti qabamuu isaas ibsameera. Qondaalli mootummaa duraanii Milkeessaa Miidhagaa fuula Facebook isaa Milkeessaa Gammachuu jedhu irratti "Qotee bulaa Oromoo humnaan magaalotatti walitti qabani jechuun ibse. Waltajjiin kun Naqamteetti, Jimmatti, Ambootti, Shashamanneetti, Adaamaatti ta'amuu Milkeessan eeree jira. Konfiraansi kana irratti nama afaan Amaaraa hin beekne dirqamaan afaan Amaariffaan waltajjii gaggeessuuf jechuun ibse. Dhiibbaa sirni kun qabaataa jiru kan caqase Milkeessaan, Amaarinyaan dirqiin dubbachiisu. Itti deddeebiin waan kana raawwachaa jiru. Impaayera bara EPRDF Afaan Oromoon uummatatti dubbatuu eegalte, amma akkuma bara Minilikii fi Hayilesillaasee Amaarinyaan saba gidirsiti jedheera. Oromoon saffisaan afaan sirna gabrummaa kana ofirraa dhorkuu qaba. Afaan ati hin beekneen, keessattuu afaan sirna gita bittaan sagantaan tokkollee sirratti gaggeeffamuu hin qabu. Faladhu Oromo dubbii kana jechuun ibseera.Çevir Suomi004547
Kello Media@KelloMedia·13 ŞubSalaaleetti bulchaan aanaa Sulultaa fi itti gaafatamaan nageenyaa ajjeefamuu gabaafame. Godina Salaaletti, Bulchaan aanaa Sulultaa Abbabaa Warquu iddoo addaa Mojogaajoo jedhamutti ajjeefamuu isaanii gabaafame. Qondaalli mootummaa kun itti gaafatamaa Nageenya aanichaa waliin kaleessa ajjeefamuu isaanii marsaa miidiyaa hawwaasaan qoodameera. Ajjeefamuu qondaala isaa kana ilaalchisuun Kominikeeshinii Mootummaa aanaa Sulultaa Facebook isaa gubbaan mirkaneesseera. Qondaalonni isaa ajjeefamuu ibse Kominikeeshinichi akkamiif eenyuun akka ajjeefaman bal'inaan waan ibse hin qabu. Namootni hedduunis marsaa miidiyaa hawwaasaa Facebook gubbaan ajjeefamuu qondaala kanaa himaniiru. Ifatti waan adda bahe jiraachuu baatus qondaala mootummaa kana Waraanni Bilisummaa Oromoo ajjeesuu akka hin oolle eerameera. Sulultaan magaalaa Finfinneetti marsanii jiran keessaa tokko yoo taatu, humnoota Waraana Bilisummaa Oromoo waliin wal'aansoo keessa seenuun bubbulaa jira.Çevir हिन्दी03202.2K
Kello Media@KelloMedia·11 ŞubObbo Lidatuu Ayyaaloo biyyatti akka hin deebine dhorkamuu gabaafame. Namni siyaasaa miseensa humnoota Amaaraa ta'e obbo Lidatuu Ayyaaloo biyyatti deebi'uu dhorkamuu miidiyaaleen gabaasaniiru. Nama kana Shororkeessummaan kan himatu mootummaan Itoophiyaa biyya akka hin seenne dhorkeera jedha gabaasni argame. Dhimma kana ilaalchisuun obbo Lidatuun "Mootummaan biyyakoo akkan hin galle na dhorke" jechuudhaan himateera. Akka miidiyaaleen gabaasanitti obbo Lidatuun tikkeettii muratee gara Itoophiyaa ganama sa'aatii 12:00tti Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Atlaantaa gahee achitti dhorkamuu hima. Waan hunda Tikkeettii muree erga buufata Xiyyaaraa gahee akka dhaga'e himeera. Akka obbo Lidatuun jedhutti Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Imbaasii Itoophiyaa Ameerikaa jiru quunnamee hayyamni addaa yoo naaf kenname malee gara Itoophiyaa deemuu akkan hin dandeenye itti gaafatamaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Atlaantaa natti hime jedha. Namni kun mootummaan Itiyoophiyaa shororkeessummaan na himachuu barbaada jechaa turee. Gara biyyakootti deebi'uu na ugguruun hin malle kan jedhu Lidatuu Ayyaaloo, gocha isarratti ta'e balaaleffateera. Tarii gochi akkanaa kun addunyaa kana irratti yeroo jalqabaatiif kan raawwatame ta’uu danda’a kan jedhe Lidatuun; Mootummaan yakkamaa ta’uu koo yoo na shakke seeratti dhiheessee na hidhuu danda’a, garuu biyya koo akkan hin seenne na dhowwuu hin danda’u jedheera. Lammiin Itiyoophiyaa paaspoortii Itoophiyaa qabate akka biyyatti hin seenne kan dhorku bu'uurr seeraa hin jiru jedheera. Lidatuu Ayyaaloo gama miidiyaatiin yaadota humnoota Amaaraa fincila irra jiran jabeessu haasa'uun beekama. Mootummaa Itoophiyaa ammaa kanas nama balaaleffatu ta'uu isaatu eerama.Çevir हिन्दी002615
Kello Media@KelloMedia·10 ŞubNaannoon Tigraay waraana haaraa simachuuf qarqara irra jirti jedhame. Naannoo Tigraay kan waggoota lamaaf waraanaa hammaataa keessummeessaa turte, erga waliigaltee araraan gara tasgabbiitti dhuftee as, hanga tokko nagaatti deebi'uu dandeessee turte. Ta'us torban darbe keessa haalli dhagaa'amaa ture naannichatti waraanni bifa haaraan dhalachuu mala jedhamee sodaatameera. Sagaleen Jarmanii Dochoble akka gabaasetti, naannoon Tigraay waraana simachuuf qarqara irratti argamti jedheera. Dhibdeen TPLF gidduutti dhalate dorgommiin aangoo ka'umsa waraana haaraaf ulaa banuu akka danda'u gabaasichi eera. Nageenya dhabuun kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay guyyoota muraasa darban keessatti haalaan dabaleera jedha maxxansi Dochoble. Lammiileen Tigraay hedduun waldhabdeen siyaasaa TPLF gidduutti adeemaa jiruun shororkaawaa akka jiran ibseera. Haalli torban darbe naannicha keessatti deddeemaa ture waraana waggaa lama dura lubbuu lammiilee kuma 600 olii galaafate akka haaraatti ka'uu danda'a jedhamuun sodaatameera. Qilleensi waraanaa naannichati bubbisuun kun ammoo uummata daandii nagaatti deebi'uuf abdataa jiru, yaaddoo biroof saaxileera Sababa waraanni eegaluu mala jedhuun lammiileen Tigraay bu'uuraalee jireenyaa barnaachisoo gabaarraa bitatanii ol kaawwataa akka jiranis himameera. Manni Baankiis torban darbe naannicha keessatti baayyina namaan raafamaa akka ture barameera. Kun wayiita qaala'iinsi biyyattii raasaa jirutti akka mudataa jiru Dochoble gabaaseera. "As Tigraay keessatti sodaa guddaatu jira," jechuun jiraattuu magaalaa guddoo naannichaa Mekele kan ta'an Meresaa Gidaay, rippoortara DW Million Haileselassie'tti himaniiru. Ummanni Tigraay ammallee waraana isa darbeen akka malee dhiphatee jira. Kana irratti ammas wayiita waayeen waraanaa lallabamuu eegalu uummatni rifachuu danda'eera jetti. Hokkorri waraanaa naannichatti ka'u kan uummata balaaf saaxilu ta'uus himu. Hawwaasni Tigraay waan waraanaa dhagaa'uu fedha hin qabu jedha gabaasichi. Waraana gidduutti hunduma miidhama, bu'aan waraana irraa argannu hin jiru jechuun jiraattonni akka ittis himan maddi oduu kanaa kun gabaaseera. Inumaa aangoorraa wal buusuu qondaalota naannichaa fi walitti deddeebisni taasifamaa ture hawwaasa naannichaa yaaddesseera jedha gabaasichi.Çevir हिन्दी017901
Kello Media@KelloMedia·10 ŞubAbiyyi Ahemad waraanaaf wal dhabdeen ala jiraachuu hin danda'u jedhame. Itoophiyaa keessatti nagaan akka bu'uuf fedhii kan hin qabne Dr. Abiyyi ta'uu barreeffama miidiyaa hawwaasaa isaanii gubbaa katabaniin Dr. Tsgayee Araarsaa ibsaniiru. Namni siyaasaa kun akka jedhanitti "Abiyyi Ahmed waldhabdee fi waraana malee jiraachuu hin danda'u" kanaafis nagaan akka bu'uuf fedhii kan hin qabne ta'uu ergaa kanaan ibsan. Ragaa lola jaallachuu MM Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahemad taasisuun kan lafa kaahaniin dhimma "Waliigalteen Piriitooriyaa hojiirra akka hin oolle taasifamuu eeran. Itti dabaluun Dr. Tsaggaayeen "Mariin Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin taasifamaa ture addaan cituun" agarsiiftuu gara biraa ta'uu himan. Humna hidhatee naannoo Amaaraa keessaa lolaa jiru waliin mari’achuuf fedhii dhabuu fi walitti bu’iinsa humna qofaan furuuf carraaqqiin inni godhu amala sodaa nagaa cimsee mul’isudha jedha barreeffamichi. Waraanni akka hin goolabamneef shira adda addaa xaxuun, biyyattiin gara nagaatti akka hin deemne taasiseera jedha. Holola facaasuu, hammeenya babal'isuun kun hundi mallattoo Abiyyi Waraanaan malee jiraachuu akka hin dandeenye hubachiisudha jedha barreeffamni Dr. Tsgayee Doorsisa tibbana uummata Tigraayirra ga'aa jiru kan kaase hayyuun kun, akeekni naannoo Tigraay keessatti waa'ee waraanaan babal'isuu fi ergaan Finfinnee ta'amaa nagaan akka bu'u waamichi taasifame jedhamu hundi isaa yaalii waraana bifa haaraan eegaluu keessaa tokkoo akka ta'e barruu kanaan caqaseera. Sirni kun itti yaadee uummata shororkeessa jechuunis hime. Kanaaf humna nagaa balaaleffatu kana aangoorraa buusuuf qabsoo taasisuun tarkaanfii filannoo hin qabne ta'uu Dr. Tsgayeen akeekaniiru. Yaalii nagaa taasisuu kan hin qabne bulchiinsi Itoophiyaa ammaa, haala kanaan itti fufuurra nagaa osoo filatee gaarii akka ta'es ibsameera. Akka Dr. Tsgayeen jedhanitti sochiin qabsoo nagaa buusuuf godhamu dhimma yeroo ammaa kana hunda caalaa cimaa ta'edha jedhu. Faashistoota biratti waraanni mala nagaa buusuuti jechuunis kan ibsan Dr. Tsgayeen siyaasa waraanaan of irraa ittisuun akka hin danda'amnes caqasaniiru. Ta'us qondaalonni mootummaa balballi nagaa banaadha jechuu itti fufaniiru. Peresedaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi itti aanaan isaanii obbo Awwaluu Abdii mootummaan nageenya buusuuf kutannoo qaba jechuun Yaa'ii Caffee kaleessa ta'ame irratti dubbataniiruÇevir हिन्दी15191.2K
Kello Media@KelloMedia·9 ŞubWBO'n lola jabeessuu yoo ibsu, mootummaan nageenya mirkaneessuuf kutannoo qabaachuu ibse Jaarmiyaaan ABO-WBO'n fuula miidiyaa hawwaasaa isaa gama Tiwiteraan haleellaa tibbana Oromiyaa kutaalee hedduu keessaatti duula Cichoomina Kaayyoo jechuun gaggeesseen milkaa'uu eere. Akka kanaan Guraandhala 7 bara 2025 Ajajni Kibba Bahaa WBO Aanaa Muunesaa Heeban Dhubboo fi Heeban Laaqicha irratti lola gaggeeggeesseen loltoota mootummaa 23 ajjeesuu 13 madeessuu hime. Guraandhala 6 bara 2025 ammoo achuma Aanaa Jajuu ganda Soqee Booqichaatti duula gaggeessuun loltoota mootummaa 3 ajjeesuun 5 madeessuu hime Dabalataan ajaja Zoonii Harsadee jalatti ammoo Guraandhala 7 bara 2025 Aanaa Fantallee Galchaa keessatti duula waraanaa gaggeessee loltoota 3 ajjeesee 4 madeessuu caqase Walumaa gala haleellaa gidduu kana gaggeessaa jiruun bakkeewwan hedduutti injifannoo argachuu ABO-WBO'n caqaseera Akka gabaasa kanarraa hubatamutti baatilee kana keessa lolli jabeessuun miseensonni waraanaa mootummaa hedduun facaa'aa fi keessaa baqataa akka jiran ibseera. Hir'ina waraanaa isaa mudataa jiru guuttachuuf humnaan uummata ukkaamsee gara waraanaatti geejjibsiisuu itti fufuu mootummaas gabaasichi caqaseera. Konkolaattotaan lixa Oromiyaa irraa uummata humnaan gara waraanaatti fe'aa akka jiru ibsameera. ABO'n WBO'n amma galma isaa gahutti sochii taasisu cimsee akka itti fufu waadaa galeera. Mootummaan tarkaanfii abdii kutannaa gudhatus qabsoo bilisummaa cimee akka itti fufuu qabu ibsa kanaanaan dhaamamee jira. Waan tarkaanfii WBO kana ilaalchisee mootummaan yaada laate hin qabu. Itti aanaan mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii turtii OBN waliin taasisan kan kaleessa tamsaafamaa tureen "Balballi nageenyaaf baname hin cufamne, harki nageenyaaf diriire hin cabne" Jedhanii turan Peresedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa wayiita gabaasa Caffeef dhiyeessanitti aarsaa barbaachisu kaffaluun nageenya buusuuf hojjetaa akka jiran himaniiruÇevir हिन्दी110323.3K
Kello Media@KelloMedia·9 ŞubNageenya waaressuuf aarsaa barbaachisa hunda nii kaffalla jedhan Peresedaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Caffeen Oromiyaa Yaa’ii Idilee 8ffaa waggaa 4ffaa bara hojii 6ffaa har'a taa'uu eegale jira. Walgahii kanarratti dubbii kan taasisan Peresedaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dhimma nageenya irratti yaada kennanii jiru. ‘Nageenya waaressuuf jecha aarsaa barbaadamu hunda kaffallee, fageenya barbaadamu hunda imallee madda walwaraansaa gogsinee, shirtootaaf shira isaanii qolannee, imala keenya gara olka’iinsaatti ni ceesisna jedhan Pirezidaantichi Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa dhimma nageenyaa ilaalchisuun gabaasa Caffeef dhiheessaniin rakkoo nageenyaa keessaafi alaan nu qunnamaa tureef osoo hin jilbeenfatiin, ummata keenya wajjiin ta’uudhaan, itti cichinee balaa sirnaafi biyya keenya irratti aggaamamaa jiru kamiinuu qolachuun danda’ameera jedhan. Ummanni keenya gidiraa guyyaa guyyaan irra gahaa ture irraa ka’uun Farda lugaamee, Qotiyyoo camadee, Gaammee baasee, Dargaggeessatti Qanbara hidhee akka aadaatti waamicha taasisaa tureera jedhan. Mootummaan naannoo Oromiyaa gaaffii uummataa eeyyantaa guutuun fudhachuun, qondaaltoota Waraana Bilisummaa Oromoo gaaffii nagaa simatan wajjinis waliigaltee nagaa mallatteessuun boqonnaa haaraa saaqeera jedhan. Obbo Shimallis akkas haa jedhan malee Oromiyaa keessatti ammallee nageenyi waaraa'aan dhufuu hin dandeenye. Hawwaasni bakka garaa garaatii gidiraa waraanaa keessatti kufuu danda'eera. Inumaa caasaan bulchiinsa mootummaa aangoo dawoo godhate miidhaa uummatarraan gahuu hammeessuu himama. Tarii dubbii mootummaan taasisu yoo siyyaasa isaaf ta'een ala dhugaa qabatamaa Oromiyaa keessa jiru miti jechuun namootni qeequ Akkuma kana yaa'ii Caffee ta'amaa jiru irratti ‘Dimookiraasii dagaagsuufi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechuu barbaachisa’ kan jedhan Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan Af-aa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan dimookiraasii dagaagsuufi bulchiinsa gaarii mirkaneessuun dhimma xiyyeeffannoo ta’uu himuun, nageenyi dursa argachuu qaba jedhan. Bu’uurri hawaasaa maatii ta’uu himuun, badhaadhina sadarkaa maatiitti mirkaneessuuf nagaan utubamu qaba jedhan Aadde Sa’aadaan. Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha nagaa taasisaa tureen walii galteen nagaa taasifameef kan owwatan galateeffachuun, qaamolee hidhatanii bosonatti hafaniifis waamicha kabajaa dhiyeessani. Ta'us ammallee mootummaan akkaataa nagaa waaraa fiduu danda'uun osoo hin taane haasaa siyaasaa kan furmaata wayabaa uummataaf argamsiisuu hin dandeenye dubbachuu itti fufeera jedhamuun qeeqameera.Çevir Suomi237865
Kello Media@KelloMedia·8 ŞubMootummaan qophii waranaa gochaa jiraachuu kan agarsiisu leenjii Diroonii jabeessuun beekame Itoophiyaa keessatti waraana adeemsifamaa jiruun mootummaan Dirooniitti dhimma bahaa jira. Itti fayyadama Diroonii kanaanis uummata nagaa hedduun haleelamuu irra deddeebiin gabaafamaa ture. Akka miidiyaaleen mootummaa gabaasanitti Poolisiin Federaalaa ogeeyyii diroonii Poolisii fi Eegdota Rippabilikaan irraa tooftaa itti fayyadama diroonii irratti leenjii fudhataa turan eebbiseera. Komishinarri Poolisii Federaalaa Ityoophiyaa Jeneraal Demelash Gebre Mikaa’eel leenjiin kun dandeettii poolisoonni itti gaafatamummaa ogummaa isaanii akka ba’atan kan cimsu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas ogeeyyiin diroonii Poolisii Federaalaa fi Eegdota Rippabilikaan leenjicha irraa eebbifaman beekumsa leenjicha irraa argatan kaayyoo yaadameef qofa akka fayyadaman gorsaniiru jedha miidiyaan mootummaa Haalli kun ammallee mootummaan qophii waraanaa taasisaa jiraachuu agarsiisa jedhame. Haleellaan Diroonii sichillee akka itti fufu agarsiiftuu ta'uu gabaasa kanarraa hubatama. Dhaabbileen mirga namoomaa mootummaan haleellaa Dirooniin gaggeessuun lammiilee irra miidhaa geessisuu himataa turaniiru. Haleellaan akkanaa akka dhaabbatus gaafataa turan. Ta'us ammallee mootummaan yaada dirooniin haleellaa fudhachuu cimsaa jiraachuu hubatameera. Haalli mootummaan Itoophiyaa itti jiru fuulduratti waraanni itti fufee jiraachuu nama agarsiisa jedhame. Humna qilleensaaf akkuma leenjii kennaa jiru humna lafoofi kan duraan olitti leenjii laataa akka jiru himame. Yeroo muddamni gaanfa Afrikaa hammaataa jirutti addatti Itoophiyaa fi naannaawaa isaatti atakaaroon lolaa babal'ataa jiru kanatti sochiin taasifamaa jiru kun agarsiiftuudha jedhame. Nageenyi Itoophiyaa keessaa bu'ee osoo hawwaasni hojiisaatti deebi'ee fedhii hawwaasa bal'aa ta'us, kun guutamuu hin dandeenye. Torban kana ammoo inumaa humnoota TPLF waliin wal qoccollaan deddeemuu dhagaa'ama. Tarii kaaba Itoophiyaatti lolli dhalachuu akka malu sodaatameera. Inumaa wal hubannoo tolfachuun Faannoo fi TPLF akkasuma Shaabiyaa mootummaa Itoophiyaa kan yaaddesse ta'uu himama. Kanarraa ka'uun balleewwan hedduutti dhaadannoon waraanaa osoo dhagaa'amuu mul'ata. Kun ammoo biyyattii daandii hin malletti oofa jedhamee sodaatameera.Çevir हिन्दी03201.6K
Kello Media@KelloMedia·8 ŞubMootummaan Xaa'oo yeroon irra darbe uummataaf raabsuuf jedha jechuun Jaawar Mohaammad akeekkachiisa kenne, ta'us Taakkalee Uumaa deebii kenneera. Namni siyaasaa Jaawar Mohaammad mootummaan Xaa'oo yeroon irra darbe kan lafa balleessuu danda'u uummataaf raabsuuf jedha jechuun fuula facebook dhuunfaa isaan katabe. Jaawar Mohaammad kana kan jedhe, qondaalli mootummaa Itoophiyaa obbo Taakkaalee Uumaa Xaa'oon bakka kuusaatti fe'amaa jiraachuu suuraan deggaree ibsuu isaatiin suuraalee maxxanfaman keessa Xaa'oo kan bara 2022 jedhan arguudhaani. Obbo Taakkaalee Uumaa maxxansa isaanii kaleessaan bakka kuusaatti Xaa'oo Jibuutii gahe daawwachuu hime. Xaa'oo buufata Jibuutii qaqqabe kana suuraan kan maxxanse qondaalli mootummaa kun, suuricha keessatti Xaa'oo yeroon irra darbee mul'ateera. Jaawar Mohaammad dhimma kana irratti maxxansa afaan Ingiliffaan Akeekkachisa jedhee barreesse kanaan, Xaa'oo yeroon isaa irra darbe uummataaf raabsaa akka jiran ibseera. Waa'ee loojistikii fi karoora geejjibaa irratti olola miidiyaa barame uumuuf yaaluun Takele Uma Benti suuraawwan kana har'a qoodaniiru jedha Jaawar. Suuraalee kana waliin ergaan isaanii akka ibsetti gareen Ityoophiyaa Shipping & Logistics fi Ethio-Jibouti Railway guyyaatti xaa’oo toonii 2,580 gara Ityoophiyaatti geejjibuuf qophii taasifamaa jiru daawwataniiru jedha. Haa ta'u malee, xaa'oon kun Masrii irraa kan dhufe yoo ta'u, guyyaan xumuraa isaa ifatti bara 2022 ta'uu Jaawar ibseera Kana jechuun mootummaan xaa'oo yeroon isaa darbe - keemikaalota balaafamaa of keessaa qabu - qonnaan bultoota Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa'amaniif raabsuuf qophaa'aa jiraa jechuun miidhaa uummatatti as deemu himeera. Jaawar barreefama isaa kanaan kun garmalee nama sodaachisa jedheera. Mootummaan Xaa'oo yeroon isaa darbe Misir irraa bituun isaa maal yaadee akka ta'es Jaawar gaafateera. Dhimma biraa Jaawar Mohaammad fuula miidiyaa dhuunfaa isaa karaa Facebook kaase, gatii Xaa'oon ittiin bitamudha. Gatiin xaa’oo bara darbe 3,600 ture barana dachaa ol dabaluuun 8,400 ta’eera jedha. Qaala'iinsi gatii kun hanqateet, xaa’oo waggoota lamaa oliif guyyaan itti darbe kan gatamuun malu fidanii qonnaan bulaatti raabsuuf jedhu! Tuuta hattootaa maqaa mootummaa daheeffatee biyyaafi ummata saamu! Jechuun ibse. Dhimma kana ilaalchisee qondaalli mootummaa Taakkalee Uumaa Bantii Burjaajii uumameef dhiifama gaafatee jira Suuraan xaa’oo adeemsa fe’uu fi buusuu agarsiisuuf fayyadamne faayila durii malee kan ammaa miti jedhe. Dhiyeessii Xaa'oo baranaa uummataaf ibsuuf suuraa durii fayyadamne jedha. Xaa'oon barana raabsamuuf jiru kan suuraan argame akka hin taane hime. Ta'us garuu suuraa isaa raabsamuuf jedhuu ammoo ifatti waan qoode hin qabu.Çevir Suomi24161.5K
Kello Media@KelloMedia·7 ŞubWaamicha Abiyyii Ahemad taasise doorsisa jechuun qondaalli TPLF balaaleffatte. Waamichi tibbana qondaalota Tigraay'f Abiyyi Ahemad biraa dhaga'ame sodaachisuuf kan kaayyeffate doorsisadha jechuun qondaalli TPLF balaaleffatte. Qondaaloota TPLF olaanoo keessaa tokko kan taate Aadde Fetlework Gabraigzabiher ergaa tibbana afaan Tigiriffaan Abiyyi Ahemad dabarse sodaachiisoof doorsisa jechuun ibsite. Kun uummata Tigraay'f hin malu jechuun kulkulfatte. Nuti waraana hin barbaannu garuu gaaffii keenya qixa sirrii ta'een gaafachuu itti fufna jette. Ergaa Ministirri Muummee Itiyoophiyaa ummata naannoo Tigraayi, keessattuu hoggantoota Tigraayf dabarse gaaruummaa kan qabu fakkaatus yaada sodaachisoof dhimma itti bahame ta'uu caqaste. Ergichi uummata Tigraay sodaachisuuf kan dhimma itti bahameedha jetti qondaalli kun. Muummeen Ministeera Itoophiyaa tibbana naannoo Tigraay keessatti nagaa buusaa jechuun dhaamsa dabarseen, lafti Tigraay lafa waraanaa taatee jirti jechuun dubbate. Kasaaraa waraanaan uummatatti dhufe yaadadha jedha ergichi. Qondaalonni TPLF ammoo uummatni Tigraay lolachuun of kabachiisuufi, kan itti gaabbu miti jechuun yaada kana fudhatama dhabsiisu. Aadde Fetlework akka jettetti, ergaan Abiyyi "gaarummaa waan qabu fakkaata, garuu akeekkachiisa 'of eeggadhaa' jedhus of keessaa qaba, kanaaf gara waraanaatti akka geessu sodaa ummata biratti uumeera." Kun itti yaadameedha jetti. Abiyyi Ahemad itti yaadee uummata keenya Shororkeessaa jira jechuun ibsite. Ergaa Abiyyi kanas yaada uummata Tigraay balaa irra buusuuf hojjetamu keessaa tokko akka ta'etti ilaalla jetti. Uummata Tigraayiif kun hin malu, sodaachisuuf doorsisuun uummata keenyaaf hin malu jechuun yaada Abiyyi kana balaaleffatte. Yeroo ammaa kana haalli guutuu Tigraay keessatti mul'atu waraanaaf kan hin mijanne ta'us aadde Fetlewarq ibsiteetti.Çevir Suomi017357
Kello Media@KelloMedia·7 ŞubAbiyyi Ahemad humna alaa barbaaduun mo'amuu isaa agarsiisa jechuun ABO-WBO'n ibsa baaseen hubachiise. Tibbana humnoota Keeniyaa waliin WBO lolaa kan jiru mootummaan Itoophiyaa, lola daangaa irraa ittisuuf walii galtee tolfameen humnoota keeniyaa waliin Opireeshinii waraanaa gaggeessaa jiraachuu himeera. Mootummaan Keeniyaa lola WBO irratti banuu isaa akkuma ibseen, mootummaan Itoophiyaa dhimmicha keessaa harka qabaachuu hubachiisee ture. Dhimmicha ilaalchise Ibsa Kaleessa baaseen ABO-WBO'n haalli mootummaan Itoophiyaa itti jiru mo'amuu isaa agarsiisa jedheera. Lola biyya keessatti WBO waliin taasisuun abdii kutatee, humna keessaan injifachuu waan dadhabeef alaa barbaacha deeme jechuun ibsi ABO WBO kun caqase. Waraanni mootummaa Itoophiyaa biyya keessatti kutannoo bu'a qabeessa ta'een WBO jala dhaabbachuu dadhabuu irraa kan ka'e, Keeniyaa daboo waammate jedha ibsi kun. Biyyi tokko dhimma biyya biraa keessa galuun daangaa ta'ee osoo jiruu rakkoo irra gahaa jiruuf abdii kutatee daboo waammate jedha. Oromiyaa keessatti lolli gaggeeffamaa jiru itti hammaachuu kan eeru ABO-WBO'n motummaan biyya keessatti humna oomishachuuf illee rakkataa akka jiru ibseera. Kun ammoo abdii isa kutachiisuurraan loltoota alaaf affeerraa taasise jechuun caqase. Ibsa Kaleessa Guraandhaa 6,2025 baase kanaan ABO WBO dhimma Keeniyaa kaasee jira. "Mootummaan Keeniyaa, ollaa amanamaa fi wayiila, ofiitti bobba’uun balaa akkamii akka fidu ni hubata" jedha. Dhimma amma itti jirtu kana Keeniyaan ogummaan ilaaluu akka qaban dhaame. Haala amma jiru kanaan nagaaf tasgabbii itti fufiinsa qabu fiduun hin danda'amu jedha ibsichi. Gidduu seentummaan biyya alaa waraana kanatti eenyuyyuu yoo affeerame dhiibbaan waraanaan dhufu akka hin jiraanne ABO-WBO'n ibseera. Haalli amma Keeniyaanis ta'e mootummaan Itoophiyaa itti jiran naannicha kan nagaa dhabsiisu, jeequmsa kan hammeessudha jechuun ibsa isaa kanaa caqase. Abiyyi Ahemad biyyatti keessatti nagaa buusuuf fedha dhabuu isaa agarsiisa kan jedhu ABO-WBO'n, waraanaaf humna alaa affeerrachuun wal dhabdee keessoo furachuuf dadhabaa ta'uu isaa agarsiisa jedheera. Naannichatti nagaaf tasgabbiin akka hin jiraanne hojjetaa kan jiru mootummaa Itoophiyaa ta'uu hawwaasni idil addunyaa beekuu akka qabu gaafanna jechuunis ABO-WBO'n waamicha taasiseera. Keeniyaan WBO irratti Guraandhala 3 eegaltee Opireeshinii gochaa akka jirtu ibsitee turte. Ta'us Opireeshinii kanaan uummati nagaan miidhamaa jiraachuu himate. Opireeshinii jedhamee kanaan nama afaan siwayili hin beekne hundatu reebamaa jira jechuun hawwaansi bakkicha jiraatan mootummaa Keeniyaa himataniiru.Çevir Suomi025414